Mootummaan naannoo Oromiyaa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera

Finfinnee, Bitootessa 19,2012(FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
 
Koreen Kenna Tajaajila Lammummaa Naannoo Oromiyaa, addasumas Koreen Taask Foorsii Ittisa Dhibee Koronaa saadarkaa mootummaa naannoo Oromiyaa hojiilee dhibicha ittisuurratti hojjetaman gamaaggamaniiru.
 
Koreen Kenna Tajaajila Lammummaa Naannoo Oromiyaa ittisa dhibee vaayresii koroonaa fi sochii ummataairratti abbootii qabeenyaa fi miseensota isaa waliin mari’ateera.
 
Dhiyeessii meeshaa, iddoo, mallaqaa fi wantoota barbaachisoo hundaan gumaacha gochuun abbootiin qabeenyaa lammii of bira dhaabbachuu akka qabanis dubbatameera.
 
Deeggarsa vaayrasii koranaa ittisuuf Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 60 kan barbaachisu yoo ta’u, hanga ammaatti mootummaan naannoo Oromiyaa Birrii miiliyoona 80 kennuuf murteesssera.
 
Abbootiin qabeenyaa, ummanni bal’aanii fi dhaabbileen tumsaa deeggarsa barbaachisaa akka taasisan gaafatameera.
 
Koreen Taask Foorsii Ittisa Dhibee Koronaa saadarkaa mootummaa naannoo Oromiyaatis hojiilee dhibicha ittisuu gamaaggameera.
 
Koreen kun preezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatin kan gaggeeffamu ta’ee, koreewwan jaha of jalatti kan qabudha.
 
Sadarkaa itti aanaa preezidaantiitti hogganaan kilaastara hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan hojiilee hanga ammaatti hojjetameen ogeessoota fayyaa fi ogeessota miidiyaa fi koominikeetarootaf leenjiin keennameera jedhan.
 
Hospitaalotaa fi buufataaleen fayyaa naannicha keessatti argaman qophii akka taasisan kan hojjetamee fi sireen dhukkubsattootaf akka qophaa’uu fi ambulaansoota 16 dabalataan dhimma kanaaf ramadamuu ibsaniiru.
 
Itti aantuun preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa aadde Caaltuu Saanii hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjetamus, ammas cimee itti fufuu akka qabuu fi ummanni akka of eeggannoo taasisuu dhaamaniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment