Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo hongee mudate dandamachiisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira –Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Guraandhala 19, 2015(FBC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiilee gurguddoo hojjechaa tureen cinaatti rakkoo hongee mudate dandamachiisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachii Ittaanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ibsaniiru.

Dhimmicha ilaalchisee Obbo Awwaluu Abdiin miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Hongeen naannoo keenya mudate hongee kanaan dura mudatee hin beekneefi gaaga’ama hamaa dhaqqabsiisedhaa jedhan.

Hongeen gaanfa Afrikaatti mudate kun waggoota sadiif roobni roobuu dhabuu isaan mudachuu kaasaniiru.

Naannoo Oromiyaatti bara darbe balaa hongee dabalatee namoota sababa adda addaan buqqa’an miiliyoona 7.3 gargaaruun danda’amuu ibsaniiru.

Bara kana sababa adda addaatiin namoota deeggarsa barbaadan miiliyoona 4.4 deeggarsi dhaqqabsiifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Balaa hongee kanaan beelladoonni miidhamuu eeruun, lubbuun namaa darbe kan hin jirre ta’uu Obbo Awwaluun ibsaniiru.

Akka miidiyaaleen duula sobaa gaggeessaa jiraniifi galtee siyaasaa taasifataa jiran osoo hin taane hojiin lubbuu namaa baraaruu mootummaafi qaamolee deeggartootaan hojjetamaa jira jedhan.

Hongee akka addunyaatti mudate kana dandamachuuf hojiilee ashaaraa magariisaa cimsuu, aadaafi duudhaa ganamaatti deebi’uun karaa Buusaa Bonofaa wal gargaaruu, sagantaa nyaata barattootaa jajjabeessuu, piroojektota gurguddoo misooma bishaanii pirojeektii Finnaatiin hojjetamaa jiran yeroon akka xumuramu taasisuun jiraachuu eeraniiru.

Godina Booranaa dabalatee naannoolee gammoojjiitti ijaarsi piroojektoota bishaanii jalqabamanii hin xumuramiin yeroon akka xumuraman taasisuun rakkoo hongee irra deddeebiin mudatu furaa deemuun murteessa ta’uu kaasaniiru.

Qaamoleen garaagaraa maqaa uummata Booranaan daldalaa jiran gocha isaaniirraa akka ofqusatan yaadachiisaniiru.

Lammiilee hongeef saaxilaman waliin haa baraarru jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Qaamoleen lammiilee hongeen miidhaman deeggaruu barbaadan karaa lakkoofsa herregaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa; lakkoofsa Herregaa Baankii Siinqee: 1029565101201fi Lakkoofsa Herregaa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa: 1000007343756n deeggarsa taasisuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru.

Baahiluu Baaneetu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment