Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonnaan bultoota adda duree fi waldaalee Imx ce’aniif beekkamtii kenne

Finfinnee, Caamsaa 1, 2012 (FBC) –Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonnaan bultoota adda duree fi waldaalee Imx ce’aniif  beekkamtii kenne.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonnaan bultoota adda duree fi waldaalee Imx ce’aniif  beekamtii kennuu magaalaa Jimmatti raawwateera.

Beekmtiin kennamu kunis qonnaan bultoota fi waldaalee IMX Godinaalee sadii fi bulchiinsa tokkof kennameera.

Godina Jimmaatti qonnaan bultoota 40’f ,Iluu Abbaa boor qonnaan bultoota 30’f,Buunnoo Beddelleerraa qonnaan bultoota 15’f beekamtiin laatameera.

Sirna beekamtii kennuu kanarrattis sadarkaa preezdaantii itti aanaatti qindeessaan kilaastara hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa, Itti Aanaa koomishinii invastimantii Oromiyaa obbo Waasiyuun Golgaa, kantiibaa Magaalaa Jimmaa obbo Makkiyuu Mahaammadii fi hooggantoonni mootummaa olaanoo fi qonnaan bultoonnii fi IMX’n ce’an argamaniiru jechuun Muktaar Xahaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment