Finfinnee, Guraandhala 10, 2015 (FBC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenya naannichaa tasgabbeessuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjechaa jiraachuu Ittaanaan Pireezidaantii naannichaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsan.
Nageenya naannichaa bakkatti deebisuuf hooggansi, caasaan nageenyaafi hawaasni wareegama guddaa kaffaluu eeraniiru.
Qaamoleen Oromoo keessaa ba’anii Oromoof Oromiyaa jeeqaa jiranii kaayyoon warra jijjiiramicha duubatti deebisuuf hojjetanii waan isaaniif hin galleef ergama namaa baatee nageenya uummataa booressaa jira jedhan.
Mootummaan gara nagaatti akka deebi’aniif waamichaa taasisaa turuu yaadachiisaniiru.
Nageenya naannichaa bakkatti deebisuuf mootummaa federaalaa waliin qindaa’uun hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Miseensonni caffees bakka jiranitti gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.
Daagmaawwii Deeksisaatu gabaase.
#Oromiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.