Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenya naannichaa mirkaneessuuf kutannoon hojjechaa jira – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 10, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaa gabaasa raawwii hojii bara 2016 qaama raawwachiiftuu baatiwwan jahaa dhiyeessaa jiru.

Nageenya waaressuuf mootummaan carraawwan karaa nagaan dubbii fixuu eegale cimsee kan itti fufu ta’uu Pireezidaanti Shimallis ibsaniiru.

Uummanni akka aara galfatuuf jecha yaalii waliigaltee nagaa humna badii waliin yeroo lamaa oliif taasifameera jedhan.

Humni kaayyoofi sagantaa ummata fayyadu hin qabne kun abjuun aangoo karaa qaxxaamuraan qabachuuf abjootu tasumaa kan hin milkoofne ta’uu hubachiisaniiru.

Mootummaan nageenya ummataaf jecha qaamni karaa nagaa nan qabsaa’a, garaagarummaa jiru marii fi marabbaadhaan ilaaluun bu’uura heeraa fi seeraatiin itti gaafatamummaa fudhadhee nan gala jedhu jiraannaan mootummaa qophii ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment