Finfinnee, Hagayya 7, 2013 (FBC)- Bulchiinsi Mootummaan Naannoo Oromiyaa gareen shororkeessaa ABUT waraanaa uummattoota naannoo Affaar irratti baneen qe’eesaaniirra buqqaaniif deeggarsa nyaataa fi qorichoota taasiseera.
Deeggarsichas naannoo Affaar Samaraatti argamuun preezdaantii naannichaa obbo Awwaal Arbaaf kan laataan gorsaa komiishinii hoggansaa sodaa balaa naannichaa obbo Girmaa Waafreedha.
Kanaafis miidhaan kuntaala kuma 2, qorichoota wallaa’ansaa Birrii miiliyoona 1tti kan tilmamaamu ta’uu himameera.
Deeggarsoota kanniinittis baasiin Birrii miiliyoona 7 fi kuma 500 taasifamuu kan himan obbo Girmaa, deeggarsi taasifamees cimee itti fufa jedhaniiru.
Awwal Abarraa fi Zibabasillaasee Janbaruutu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.