Mootummaan naannoo Oromiyaa misooma magaalota naannichaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu beeksiise

Finfinnee, Caamsaa 27, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Proojektoonni misooma magaalaa Birrii Biiliyoona 5 fi miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 82 oliin hojjetamaa jiraachuu bulchiinsi mootummaa naannichaa beeksiise.
Mootummaan naannoo Oromiyaa magaalota qulqulluu jireenyaaf mijata ta’an taasisuuf xiyyeffannoon hojjechaa jiraachuu himameera.
Proojektoota misoomaa magaalota naannichaa keessatti hojjetamanirraa hawaasni fayyadamoo ta’uu eegaluu ibsameera.
Mootummaan naannichaa Birrii Biiliyoona 5 fi miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 82 fi kuma dhibba 6 ol ramaduun proojektoota misoomaa garaagaraa kuma 1 fi 48 hojjechaa jiraachuu himameera.
Proojektoonni marsaa duraan hojjetamuun eebbifaman lammiilee miiliyoona 4 fi kuma dhibba 6 fi kuma 53 ol fayyadamoo taasiisaniiru jedhame.
Dabalataan magaalota Oromiyaa keessaatt hirmaannaa ummataan Proojektoonni kumni 1 fi 524 Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 4 fi miiliyoona 87 olitti tilmaamamaniin hojjetaman jiraattoota miiliyoona 4 fi kuma dhibba 6 fi kuma 55 ol fayyadamoo taasisuu mootummaan naannichaa beeksiseera.
Akkasumas marsaa 2ffaan Proojektoota 367 birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 9 fi kuma dhibba 4 oliin hojjechuun lammiilee miiliyoona 1 fi kuma dhibba 3 fi kuma 49 ol fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Dhimmoota Kominiikeshinii mootummaa naannoo Ormiyaa beeksiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo Waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment