Oromiyaan ittisa vaayrasii koroonaarratti hojjechaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Eebila 3, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa ittisa weerara vaayrasii koroonaarratti hojjechaa jiraachuu beeksise.

Ummanni gorsaa fi qajeelfama mootummaa fi ogeeyyii fayyaa akka hordofuu fi hojiirra oolchu preezdaantiin mootummaa naannichaa obbo Shimallis Abdiisaan beeksisaniiru.

Obbo Shimallis lammii Ityoophiyaa sadaffaa dhibee vaayrasii koroonaatin boqotan ilaalchisuun gadda itti dhagaa’ame ibsaniiru.

Lammiin Ityoophiyaa umrii waggaa 65, jiraattuu magaalaa Dukaam kaleessa vaayrasichaan lubbuun isaanii darbuun ni yaadatama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment