Mootummaan Naannoo Oromiyaa guyyaa boruutti sagantaa simannaa diyaaspoorotaaf qopheessuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 4, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa guyyaa boruu Magaalaa Finfinnee Hootela ‘Hayat Regency tti’ lammiilee diyaasporaa gara biyyaatti dhufaniif sagantaa simannaa qophessuu ibsameera.

Akka naannoo Oromiyaatti guyyaa boruu irraa eegalee lammiilee diyaaspoora gara naannoo Oromiyaatti dhufan tajaajila si’ataa fi haqa qabeessa akka argataniif haalduree barbaachisu hundi xumuramuu Waajjira Preezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Daayrektarri Dhimmoota diyaaspooraa fi pirees Sekereetarii Pirezidaantii, Obbo Amiin Juundii miidiyaaleef ibsaniiru.

Sagantaa kanarratti dawwannaan bu’uuraalee misoomaa, turizimii fi qophiileen garaa garaa jiraachuu eeraniiru.

Sochii naannicha keessatti taasifamuuf waajjirri Pireezdaantii,Biiroon Aadaa fi Turizimii fi Invastimantii qindoominaan kan hojjatan ta’uus ibsameera.

Tajaajila diyaaspooraa irratti rakkoon akka hin mudanneef geejibni kan qopha’uu kaasaniiru.

Hooggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Adde Sa’aadaa Usmaan gamasaaniin Waamicha muummicha ministeeraa  Abiy Ahimad diyaasapooraaf taasisan sababeeffachuun hanga ammaatti lammiileen diyaaspooraa hedduun gara biyyaatti kan galan ta’uu ibsuun ammas hedduun isaanii dhufaa jiraachuu dubbataniiru.

Lammiilee gara biyyaatti dhufaa jiran akka naannoo Oromiyaatti qophiin anaa dhufuutiin kan simataman ta’uu aadde Sa’aadan miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Sagantaa kanaan,carraaleen humna investimentii naannoo oromiyaa lammiilee diyaasporaaf kan ifuu fi hojiiwwan misoomaa,bakkeewwan hawwata turizimii,paarkii indaastiriiwwan fi kanneen biroo kan dawwataman tahuu eeraniiru.

Sagantama kana wajjiin wal qabatee gosoonni Ispoortii fi dorgommiiwwaan Ispoortii garaagaraas qophaa’uu ibsameera.

Diyaaspooraan waamicha dhiyaateef fudhachuun gara biyya galanis karaa toora weebsaayitii armaan gadii fayyadamuun guca gaafataman akka guutan ergaan darbuu ragaan Biiroo mKominikeeshinii Oromiyaarraa arganne ni mul’isa.

https://forms.gle/Qacdz1xWeiYNEu9z9

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment