Mootummaan Naannoo Oromiyaa gogiinsa mudatu dandamachuuf humna bishaan bulchuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 30, 2016 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa gogiinsa mudatu dandamachuuf humna bishaan bulchuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Pireezidaantii naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Rakkoo hongee kanaan dura naannoo horsiisee bulaatti mudatee miidhaa qaaqqabsiise irra deebiin akka hin mudanneef inisheetiivi misooma nyaata beelladaa diriirsuun horsiise bultoonni akka fayyadamaa ta’an taasisaa jira jedhan.

Inisheetiivii misooma nyaata horii naannoo kanatti akka karoorfametti hojiirra oolchuuf rakkoo hanqina bishaanii ture furuuf humna bishaan bulchuu irratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Pireezidaant Shimallis himaniiru.

Oromiyaatti lafti haaktaara miliyoona 1.3 ol inisheetiivii misooma nyaata beelladaatiin misoomaa jiraachuus dubbataniiru.

Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdusalaam Waariyoo godinichatti lafti heektaara kumni 650 misooma nyaata beelladaatiif addaan baafamee misoomaa jiraachuu eeruu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment