Mootummaan Naannoo Oromiyaa gabaa tasgabbeessuuf hojjetaan jira jedhe

Finfinnee, Bitootessa 7, 20215 (FBC)-Mootummaan Naannoo Oromiyaa gabaa tasgabbeessuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.

Biiroo Daldalaa Oromiyaa, daldaltootaa fi yuuniyeenota Oromiyaa keessaa waliin ta’uun Oomishaalee Qonnaa jiraattota Magaalaa Finfinneef dhiyeessu eegale.

Qaala’iinsa mudate furuuf waldaaleen bu’uuraa fi yuuniyeenota waliin gatii madaalawaan oomishaalee midhaanii fayyadamtootaaf dhiyeessaa jiraachuu beeksiseera.

Itti Aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii oomishaaf oomistummaan kan baroota darbaniirra baay’ee kan dabale ta’uu ibsanii, qaamoleen faayidaa hinmalle argachuuf yaadan gabaa jeeqaa jiru jedhan.

Kana furuuf dhiyeessii oomishaalee qonnaa karaa waldaalee bu’uuraa fi yuuniyeenotaa dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.

Oomishaaleen qonnaa dhiyaatan kunneen gabaa tasgabbeessuuf baay’inaa fi qulqullinaan, itti fufinsaan kan dhiyaatu ta’uu ibsaniiru.

Qaamoleen gabaa jeequu irratti bobba’an gochaa isaaniirraa akka of qusatan dhaamaniiru.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment