Mootummaan Naannoo Oromiyaa Ayyaana Fiichee Cambalaalaa ilaalchisee ergaa baga ittiin iisn gahee dabarse

Finfinnee, Bitootessa 27, 2016 (FBC)-Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Uummanni Oromoo Uummata Sidaamaa biratti bifa ho’aa ta’een kan kabajamu Ayyaana Fiichee Cambalaalaan baga isin ga’e jechuun ergaa dabarse.

Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa Ayyaana jijjiirraa baraa fi Ayyaana guddaa Uummata Sidaamaa biratti bifa ho’aadhaan kabajamu ta’uu eereera.

Saboonni, Sablammoonnii fi Uummattoonni Itiyophiyaa aadaafi duudhaa garagaraa qabaachuu, dagaagsuufi kabajachuun Itiyoophiyaaf miidhagina ta’uu kan kaase ibsichaan, Uummanni Sidaamaas mirga ofiin of bulchuu gonfachuun aadaa fi duudhaa isaa guddifachuun uummattoota obbolaa biroo waliin ta’uun tokkummaafi jaalalaan jiraachuuf qabsoo taasisaa tureen, jijjiiramaan booda Naannoo hundeeffatee karaa guutuu ta’een of bulchaa jiraachuu kaaseera.

Carraa kanaan, Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Uummanni Oromoo, Mootummaa Naannoo Sidaamaafi Uummata Sidaamaa waliin ta’uun hojii obbolummaa sabdaneessa dagaagsuu eegalame cimsuuf, kan hojjetu ta’uu ibsaa Ayyaanichi kan gammachuufi kan badhaadhinaa akka ta’u hawwii gaarii ibsuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment