Mootummaan naannoo Hararii naannoo Afaariitti haleellaa lammiilee nagaarra qaqqabe gaddi itti dhaga’amuu ibse

Finfinnee, Hagayya 5, 2013 (FBC) – Mootummaan naannoo Hararii naannoo Afaariitti haleellaa gareen ABUT lammiilee nagaa iddoo turtii yeroo keessa turanirra qaqqabsiiseef gaddi itti dhaga’amuu ibseera.

Mootummaan naannichaa gochaa suukanneessaa gareen Shororkeessaa ABUT lammiilee nagaa iddoo turtii yeroo naannoo Afaar Fantii Rasuu Gaaliimaakootti raawwate balaaleeffateera.

Garichi haleellaa tasa meeshaalee waraanaa gurguddoo fayyadamuun raawwateen lubbuu daa’imman 107, dubartoota 89 fi jaarsolii 44 galaafachuu ibsameera.

Qonnaan bultoonni nagaa ajjeeffamuu fi madaa’uu isaanii himameera.

Bulchiinsi Mootummaan naaannoo Hararii lammiilee weerara garichaan buqqa’aniif deeggarsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu ibseera.

Akkasumas lammiilee sababa haleellaa raawwatameen lubbuu isaanii dhaban, miidhaan qaama irra ga’ee fi qabeenya barbadaa’eef gaddi itti dhaga’amuu ibseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment