Mootummaan Naannoo Gambeellaa Matakkalitti haleellaa lammiilee nagaa irratti raawwatame balaaleffate

Finfinnee, Muddee 18, 2013 (FBC) – Mootummaan Naannoo Gambeellaa Matakkalitti haleellaa lammiilee nagaa irratti raawwatame balaaleffate.
Preezdaantiin Mootummaan Naannoo Gambeellaa obbo Umood Ujuluu qaamoleen badii sanyummaa irratti xiyeeffataniin lammiilee nagaa irratti haleellaa raawwatan mootummaafi ummanni naannichaa ni balaaleffata jedhan.
Akka preezdaantichi jedhanitti rakkoo humni badii waggoota 27 guutuu facaasaa tureen gochi suukkanneessaan lammiilee nagaa irratti raawwatu kan balaaleffatamu jedhan.
Kana kan raawwatan ergamtoonni ABUT tokkummaa uummanni Ityoophiyaa garee Juuntaa dhabamsiisuuf agarsiisan diiguuf wixxifachaa jiran waan ta’eef ummanni ammas tokkummaa isaa cimsuun qaamota kana dhabamsiisuu qaba jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment