Mootummaan naannoo Beeniishaanguul Guumuz miseensota paartii morkattootaa 6f muudama laate

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2014 (FBC) – Mootummaan naannoo Beeniishaanguul Guumuz miseensota paartii morkattootaa 6f muudama laachuu beeksiise.

Miseensota paartii morkattootaa naannicha keessa socho’an hanga mootummaan haaraan hundaa’uutti qooda isaanii akka ba’aniif muudama laachuu Preezdaantiin naannoo Beenishaanguul Guumuuz obbo Ashaadilii Hasan ibsaniiru.

Haaluma kanaan Miseensi Paartii Sosochii Bilisummaa ummata Beenishaanguul obbo Abduusalaam Shaangal Hogganaa Biiroo Daandii fi Geejjibaa, Miseensi Paartii Diimookiraataawaa Booroo obbo Amantee Gashii Hogganaa Biiroo Bulchiinsa lafaa fi Invastimantii ta’uun muudamaniiru.

Akkasumas Miseensi paartii Beehinan obbo Marqanee Azuubeer Itti gaafataamaa waajjira Diyaaspooraa, obbo Mahaammad Ismaa’eel Itti aanaa hogganaa Biiroo Barnootaa, Miseensi Paartii Boodeeppaa obbo Malkaamuu Jiraa Itti gaafatamaa Waajjira Maallaqaa fi misooma Diinagdee Godina Matakkal ta’uu muudamaniiru.

Obbo Ashaadiliin fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf paartilee morkattootaa waliin qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu Paartiin Badhaadhinaa kan amanuu fi kaayyoo isaa ta’uunibsaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment