Mootummaan naannoo Amaaraa hojjettoonni mootummaa tatamsa’ina vaayrasii koroonaaf saaxilamoo ta’an mana taa’anii hojii akka hojjetan murteesse

Finfinnee, Bitootessa 16, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Amaaraa hojjettoonni mootummaa tatamsa’ina vaayrasii koroonaaf saaxilamoo ta’an mana taa’anii hojii akka hojjetan murteesse.
 
Mootummaan naannichaa hojjettoonni tatamsa’ina vaayrasichaaf saaxilamoo ta’an murteen addaa hanga darbutti mana taa’anii akka hojjetan murtee dabarseera.
 
Hojjetoonni mootummaa dhibeen irra turee fi mirkanaa’e qaban, dubartoonni ulfa ta’anii fi daa’ima hoosisan, hojjettoonni mootummaa umriin isaanii sooramatti siiqee fi bifa addaan dhibichaaf saaxilamoo ta’an mana taa’anii hojii isaanii akka raawwatan murtaa’uu ibsameera.
 
Kun akkuma jirutti ta’ee ogeeyyiin tajaajila ummatatiif murteessaa ta’an,hojjettoonni humna ifaa, seektara bishaanii fi dhaabbiilee geejjibaa hojii isaanii murannoo fi kutannoon akka raawwatan mootummaan naannichaa gaafateera.
 
Naatinaa’e Xigaabuutu gabaase.
Comments (0)
Add Comment