Mootummaan naannoo Amaaraa haala yeroo ilaalchisuun ibsa laate

Finfinnee, Guraandhala 4, 2015(FBC)-Mootummaan Naannoo Amaaraa haala yeroo ilaalchisee ibsa laateera.

Ityoophiyaan seena mootummaa biyyaalessaa ishee keessatti bu’aa ba’ii hedduu dabarsuu yaadachiisuun, rakkoolee seenaa keessatti mudataniin qoftee kan hin hafne ta’uufi injifannoo boonsaan ce’uun duudhaalee waloo biyyaalessaa horachaa har’arra gahuu ibseera.

Qabeenyi aadaalee, duudhaaleefi seenaa dhaloonni har’aa dhaale bu’aa ba’ii hedduun qoramanii kan darban ta’uu ibsa isaan kaaseera.

Rakkoolee adeemsa seenaa keessatti nu mudachaa darban keessaa tokko tibbana Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa(Tawaahidoo) keessatti uumamuu yaadachiiseera.

Mootummaan naannichaa rakkoo mana amantichaa keessatti mudate xiyyeeffannoon hordofaa turuu ibseera.

Mootummaan rakkoon keessoo mana amantichaatti mudate bu’uura seeraafi sirna mana amantichaan hiikamuu qaba amantaa jedhu qabachuun dhimmichi akkaataa seerri mana amantichaa eeyyamuun akka hiikamuuf gahee mataasaa ba’achaa turuu yaadachiiseera.

Mootummaan naannichaa dhimmichi walxaxaa ta’uufi miidhaa isaa hubachuun rakkoon uumame mariin akka furamuuf tattaaffii taasisaa turuu ibseera.

Uummanni naannichaafi hordoftoonni amantichaa rakkichi karaa nagaan akka furamuuf soomaafi sagadaan gahee ba’ataniif mootummaan naannichaa kan galateeffatu ta’uu ibseera.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment