Mootummaan Naannoo Afaar haala yeroo ilaalchisuun ibsa kenne

Finfinnee, Guraandhala 3, 2015 (FBC)- Mootummaan Naannoo Afaar haala yeroo ilaalchisuun ibsa baaseera.

Ibsa baaseenis, Ityoophiyaan amantaalee biyyoota addunyaa dursaanii fudhachuun addunyaaf fakkeenya ta’uu eeruun, ijoolleen ishees waldanda’uu fi walkabajuun dhimmoota biyyaa irraatti garaagarummaa isaanii cinaatti dhiisuun tokkummaadhaan, uumaa gaditti kabaja biyyatti eeganii dhalootatti dabarsaniiru.

Dhaabbileen amantaa cimuu fi bu’uuraa seeraa hordofuun amnataa tarkaanfachiisuun tokkummaa biyyaalessaa cimsuu fi dhimmootaa biyyaaf dursa kennuuf gumaachaa olaanaa qabu.

Guyyaa jijjiirama biyyaalessaatii eegalee qajeelfamootaa heeraa hordofuu dhaabbileen amantaa akka cimaniif hojiilee bal’aan hojjetamaniiru jedhaniiru.

Mootummaan naannichaa rakkoon manneen amantaa keessatti yoo mudatee furmaatni manumaa amanticha ta’uu eeruun, rakkoolee jiraan hojimataa keessoo fi fi qajeelfamota Heeraa mootummaattiin kan furaamuu jdhee amana.

Tibbanas rakkoon Manaa Amaanta Ortodooksi keessaatti umaame dhimma amantaa irraa darbuun rakkicha bifa biraa qabaachisuun, nageenya biyyaa booressuuf qaamooleen biyyaa keessaa fi alaa biyyaattii dadhabsisuuf hojjechaa jiraachuu eereera.

Qaamooleen amantaa da’eeffachuun ajandaa uuman, nageenyaa dhabamsisuu, hokkoraa fi jeequmsa biyya miidhuu fi balaa irra busuurratti osoo hinbeekiinii fi beekaa hirmaataan of qusachuu akka qaban hubachiseera.

Mootummaan Naannoo Afaar heera biyyaa bu’uura godhachuun sochii seeraan alaa ittisuu fi to’achuuf dirqamaa fi itti gaafatamumma itti kenname ba’achuuf kan hojjetu ta’uun ibsameera.

Qaamoleen nageenyaa naannichaa hundis murtee Mana Maree Nageenyaa irraa darbe hojii irra oolchuuf dirqama isaaniin sirnaan akka bahatan ibsuun, ummanni keenyas tarkaanfii mootummaan sirnaa fi heera biyyattii tiksuuf fudhatu akka tumsan waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment