Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoo Beenishaangul Gumuz tattaaffii weerara gareen shororkeessaa ABUT naannolee Amaaraafi Afaaritti eegale qolachuufi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf taasifamurratti wareegama kamuu kaffaluuf qophii ta’uu beeksise.
Naannichi ibsa haala yeroo irratti baaseen, gareen Shororkeessaa ABUT wayita aangoorra turetti tokkummaa Ityoophiyaa diiguufi sabaafi sablamoota walitti buusuuf guyyaafi halkan hojjechaa turuu yaadachiiseera.
Garichi ergamtoota fayyadamuun naannoo Beenishaangul Gumuz dabalatee bakkeewwan biyyattii garaagaraa keesatti haleellaa lammiilee nagaarratti qiyyeeffate raawwachaa turuufi miidhaa hedduu qaqqabsiisuu ibsameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.