Mootummaan Naannichaa qaala’insa gatii oomishaalee, ayyaana sababeeffachuun mudatu ittisuuf marsaa duraan konkolaatota 150 oliin magaalaa Finfinneef dhiheesse

Finfinnee, Hagayya 30, 2015 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa qaala’insa gatii oomishaalee, ayyaana sababeeffachuun mudatu ittisuuf oomisha qonnaafi bu’aalee qonnaa marsaa duraan konkolaatota 150 oliin magaalaa Finfinneef dhiheesseera.

Omishaaleen qonnaafi indaastirii waldaalee hojii gamtaafi yuuniyanoota naannichaan dhiyaates bakka Itti aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii fi hoggantoonni Biiroolee dhimmi ilaallatu argamanitti Bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin wal-harkaa fudhinsi taasiisanniru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa qaala’insa gatii oomishaa magaalaa Finfinnee tasgabbeessuuf wantoota barbaachisan dhiheessaa jiraachuu Obbo Awwaluu Abdiin dubbataniiru.

Oomisha dhiyeessuu qofa osoo hin taane qabatamaan gatii madaalawaan hawaasa bira gahuusaa qindoominaan kan hordofamu ta’uu ibsaniiru.

Itti Aanaa Hogganaan Eejansii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Magaalaa Finfinnee Obbo Habtayyas Diroon gama isaaniin Naannoon Oromiyaa gabaa magaalaa Finfinnee tasgabbeessuuf gumaachi taasisaa jiru olaanaa ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment