Mootummaan naannichaa hawaasa miidhaman deebisanii dhaabuuf deeggarsa barbaachisu ni taasisa – Obbo Umood Ujuluu

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2015(FBC) – Mootummaan naannoo Gaambeellaa Naannolee waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruuf deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu beeksise.

Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuluun, naannoo Tigraay dabalatee kutaalee hawaasaa sababa waraanaan midhaman deebisanii dhaabuuf tattaffii taasiifamu kan tumsan ta’uu ibsaniiru.

Lammiilee sababa waraanaan rakkoof saaxilamaii fi dhaabbilee barbadaa’an deebisanii dhaabuuf qaamni hundi deeggarsa barbaachisu akka taasiisu waamicha dhiyeessaniiru.

Waliigalteen nageenyaa mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasiifame bifa kanaan akka milkaa’u qaamolee qooda qaban hunda galateeffachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment