Mootummaan magaalota aadaa fi fedhii uummataa bu’uura godhatan babal’isaa jira – Dooktar Tashoomaa Addunyaa

Finfinnee, Guraandhala 17, 2015 (FBC) – Mootummaan magaalota aadaa fi fedhii uummataa bu’uura godhatan babal’isaa jiraachuu Kantibaan magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan ibsan.

Magaalaan madda siyaasaa fi diinagdee taatee osoo jirtuu uummatni Oromoo waggoota dheeraaf magaalaarraa fayyadamaa ta’aa hin turre jedhan.

Magaalli Shaggar magaalaa duudhaa uummata Oromoo ibsituu fi fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessitu taatee hundaa’uu Dooktar Tashoomaan eeraniiru.

Baballina magaalaa Finfinnee qonnaan bulaa Oromoorra dararaa gurguddaa qaqqabsiisaa turuu sadarkaa Itti Aanaa pireezdaantiitti qindeessaan kilaastera magaalaa Oromiyaa obbo Masfin Malaakuun ibsaniiru.

Hundeeffamni magaalaa Shaggar gaaffilee yeroo dheeraaf ture kan deebisu ta’uu kaasaniiru.

Shaggar magaalaa aadaa,seenaa fi duudhaa Ummata Oromoo giddu galeessa godhatte magaalaa badhaatuu taasisuuf kaayyeffamee hojiitti galamuu Obbo Masfin eeraniiru.

#Bulchiinsa Magaalaa Shaggar

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment