Mootummaan lammiilee Maayinaamaaritti rakkoo keessa jiran baraaruuf tattaaffii taasiisu itti fufeera

Finfinnee, Amajjii 8, 2017 (FMC) – Mootummaan Itiyoophiyaa lammiilee Maayinaamaaritti rakkoo keessa jiran baraaruuf tattaaffii taasiisu cimsee itti fufuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.

Lammiilee faddaaltoota seeraan alaan gowwomfamuun gara Maayinaamaarii fi naannawaa daangaa Taayilaandiitti karaa seeraan alaan fudhatamuun rakkoo keessatti argaman deebisiisuuf mootummaan tattaaffii taasiisu itti fufuu himeera.

Tattaaffii taasiifameen lammiileen 34 ukkaamsitoota harkaa bilisoomuun gara Taayilaandii fi biyyoota ollaatti akka deebi’an taasiifamuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Getaachoon ibsaniiru.

Lammiilee kanneen baraaruun tattaaffii hedduu kan gaafatu ta’uu isaan Misiyoonii Itiyoophiyaa Jaappaan Tookiyootti argamu dabalataan Embaasii Itiyoophiyaa Hindi Niwudeelihiitti argamuuf ergamni kennamee sochiin taasiifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Ragaa hanga ammaatti argamee fi hojii qulqulleessuu hojjetameen lammiileen 380 rakkoo keessa jiraachuu mirkanaa’uu kaasaniiru.

Maqaa fi Lakkoofsi Paaspoortii lammiilee kanneenii Misiyoonii Itiyoophiyaa Tookiyootti argamuuf ergamuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaa dabalatee lammiileen biyyoota 19 faddaaltoota seeraan alaan gowwomfamuun Maayinaamaaritti ergamuun rakkoo hamaaf saaxilamaa jiraachuu eeraniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa tattaaffii dhuunfaan taasiifamu dabalataan Mootummaa Maayinaamaar waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment