Finfinnee, Onkololeessa 30, 2017 (FBC) – Mootummaan jijjiiramaa wabii nyaataa mirkaneessuu qofa osoo hintaane, rakkoo caasaa dinagdee furuuf humni guddaan qonna ta’uu hubachuun hojjiitti gale jedhan Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Mootummaan jijjiiramaa keenya, wabii nyaataa mirkaneessuu qofa osoo hintaane, rakkoo caasaa dinagdee naannoo keenyaa furuuf humni guddaan harkaa qabnu qonna ta’uu hubachuun hojjiitti galeera jechuun ibsan.
Gama kanaan, hojiin oomisha qamadii irratti raawwatamaa jiru wabii nyaataa mirkaneessuu, galtee indastirii biyya keessaa baldhisuufi al-ergii dabaluu keessatti shoora olaanaa taphachaa jira.
Jalqabbii kana furguuga keessa galchuuf, mootummaan galteefi teknoolojii qonnaa dhiyeessuu, ogummaa qonnaan bultootaa guddisuu, caasaa dinagdee sirreessufi daldalaa mijeessuu irratti baldhinaan hojjechuu irratti argama jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Xurreen milkaa’inaa gama misooma qamadiitin mul’achaa jiru, pooteenshaala qabnu akeekurra kan darbuu miti.
Cehumsa hundagaleessa sektarichaa dhugoomsun, badhaadhina waloofi maatii mirkaneessuf, tarkaanfii tarsiima’aafi qindaa’aa qonna keessatti fudhachaa jirru cimsinee ittifufuu kan qabnu ta’uu, dhimma hoggansi keenya sadarkaan jiru hubatudha jedhan.
#Oromia #Ethiopia