Finfinnee, Sadaasa 22, 2017 (FBC) – Mootummaan Jijjiiramaa garaagarummaa siyaasaa madda rakkoo nageenyafi gaagga’ama ummataa ture marii nagaatiin hiikuuf kutannoo hinreeqqifneen socho’aa turuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Waliigaltee araaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltota WBO gidduutti taasiifame ilaalchisee Pireezidaanti Shimallis ergaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyastera.
Hayyoonni Oromoo, Abbootiin Gadaafi Amantaa, Haadholiin Sinqeefi Dhimmamtoonni nageenyafi misooma Oromiyaa, hundaa’ol ummanni Oromoo baldhaan garaagarummaan jiru marii nagaatiin akka furmaata argatu irra deddeebiin watwaataniiru.
Bu’uuruma kanaan, WBOn kutannoo MNO marii nagaa irratti qabuuf beekamtii kennee, watwaannaa dhimmamtootaaf gurra laateefi ummata keenya sababa rakkoo nageenyaatiin gadadoo keessa gale mararfatee marii nagaa adda citee turetti deebi’uun waliigaltee guyyaa har’aa kanarra gahuun keenya seenaa qabsoo siyaasa Oromoo keessatti boqonnaa guddaadha.
Waliigaltee guyyaa har’a Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti taasifameen, kan injifate ummata Oromoo waan ta’eef hawaasa keenya dabalatee, qaamoleen marii nagaa leellisaa turtan hundi, baga gammaddan, baga gammanne jechuun barbaada.
Hoggansifi Miseensonni WBO, waldhabdee ture karaa nagaatiin furuu filattannii waliigaltee kanarra gahuu keenyaf maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatin isin galateeffachuun barbaada.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa waliigaltee kanaan humnoota siyaasaa Oromoo gidduutti riqicha walhubannoo, obbolummaa, walmararfannaafi gamtaa ijaaruun gaaga’ama ummata Oromoofi walqoodinsa humnoota siyaasaa Oromootti furmaata waaraa gochuuf kutannoo nagaa hinreeqqifne hidhachuun kan socho’u ta’uu ifatti kanan mirkaneessu ta’a.
Dhumarrattis, ummata keenya dabalatee, qaamolee waliigaltee guyyaa har’aa mallatteessine irra akka geenyu nuwaliin dhaabbattan hundaan ulfina argadhaa jechaa, gara fuula duraattis, nageenyafi misooma Oromiyaa dhugoomsuu irratti akka nuwaliin hiriirtan imaanaa jechuun barbaada.
#Oromia #Ethiopia