Mootummaan Jijjiiramaa cabiinsa siyaas diinagdee jiru hubatee yaadama misoomaa kuusa dilbii jiru qindeessee imala badhaadhinaa hojiirra oolchaa jira – Pir. Shimallis

Finfinnee, Sadaasa 8, 2016 (FBC) – Mootummaan Jijjiiramaa cabiinsa siyaas diinagdee jiru hubatee yaadama misoomaa kuusa dilbii jiru qindeessee imala badhaadhinaa hojiirra oolchaa jira jedhan Pireezidantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Naannoon keenya bifa lama qaba jedhan.

Gama tokkoon cabiinsa siyaas-dinagdee barootaaf itti hammaateen okkola.

Gama biraatiin ammoo kuusa dilbii yeroo gabaabaa keessatti imala badhaadhinaa isa qabsiisu harkaa qabu.

Yeroo ammaa cabiinsa siyaas-dinagdeefi imala badhaadhinaa kana gidduu kan jiru Mootummaa Jijjiiramaati.

Mootummaa Jijjiiramaa cabiinsa kana hubatee yaadama misoomaa kuusa dilbii jiru qindeessee imala badhaadhinaa qabsiisu hojiirra oolchaa jiraachuu kaasaniir.

Naannoo lageen, bishaan ciisaa (lafarraa)fi lafa jalaa; lafa bal’dhaa jallisiif oolu, qabeenya horii qonnaa bal’dhaa, haala teessuma lafaafi haala qilleensaa goosoota midhaan hedduu gannaaf bona magarsu, lakkoofsa ummataa umrii oomishtummaa keessaa jiru hedduu qabannee wabii midhaan nyaataa osoo hin mirkaneesiin as geenyee jirra jechuun ibsan.

Erga kana hubatee booda, mootummaan keenya humnoota omishaa kanneen (dilbii humna namaafi qabeenya umamaa) itti gaafatamummaa fudhatee hojiitti galchuu jalqabeera.

Waggoota shan dura, qamadiin jallisii naannoo fi biyya keenya uwwisa lafa hektaara 00 fi callaa kuntaala miiliyoo 00 ture.
Waggoota afur booda bara kana, uwwisa lafaa qamadii jallisii hektaara miiliyoona 2.6 gahuun callaa kuntaala miiliyoona 105 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhan.

Milkaa’ina hanga ammaa argameef, ummata keenya, ogeeyyiifi hojjettoota seektara qonnaa, hooggansa sadarkaan jiru, akkasumas qoodafudhattoota maraa galatooffachaa, duula waanjoo hiyyummaa cabsuuf taasisaa jiru kana cimsinee akka itti fufnu dhaamuun barbaada jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment