Mootummaan Jarman duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti raawwachaa jiru irratti dhugaa jiru akka hubatu taasiifame

Finfinnee, Sadaasa 14, 2013 (FBC) – Mootummaan Jarman duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti raawwachaa jiru irratti dhugaa jiru akka hubatu hubannoon laatamuu Jarmanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Muluu Salamoon ibsan.
Erga hojiin duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamuu eegalee mootumaan Jarman dhugaa jiru akka hubatuuf aanga’oota olaanaoo, miseensota Paarlaamaa fi hawaasaa dippiloomaatoota idila addunyaaf ibsi laatamaa jiraachuu ambaasaaddar Muluu Salamoon himaniiru.
Imbaasiin Ityoophiyaa Jarmanitti argamu aanga’oota olaanoo mootummaa biyyoota Riippabliika Cheek, Isloovaakiyaa fi Poolaandiif ibsa taasiisuu dubbataniiru.
Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti raawwachaa jiru ilaalchisee odeeffannoo waqtaawaan yeroo yeroon mootummaa Jarmaniif laatamaa jiraachuu eeraniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment