Mootummaan Jaappaan deeggarsa guddina diinagdee Ityoophiyaaf taasisu cimsee itti fufa jedhame

Finfinnee, Eebila 4, 2014 (FBC) – Mootummaan Jaappaan deeggarsa guddina diinagdee Ityoophiyaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Itoo Taakaakoon ibsan.

Mootummaan Jaappaan ijaarsa babal’ina giddugala leenjii uffataa ganda Lasalaam Hitsaanaatiif deeggarsa Doolaara kuma 49 taasisuu ibsameera.

Dabalataanis maashinoowwan huccuu hodhaan 10 giddugalichaaf deeggarsa taasisuu Ambaasaaddar  Itoo Taakaakoon eeraniiru.

Mootummaan Jaappaan deeggarsa guddina diinagdee Ityoophiyaa fi fooyya’iinsa misooma humna namaatiif taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Mootummaan Jaappaan Ityoophiyaa bakkeewwan garaagaraatti proojektiiwwan garaagaraa 400 hojjechuun hawaasa fayyadamoo taasisuu ibsuun Ejensiin Tumsa Jaappaan ga’eesaa ba’achaa jiraachuu eeraniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment