Mootummaan Ityoophiyaa tarkaanfiiwwan fudhataa jiru rakkoo biyyatti keessaa jiru ni tasgabbeessuu-Chaayinaa

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2014 (FBC)- Mootummaan Ityoophiyaa tarkaanfiiwwan fudhataa jiru rakkoo biyyatti keessaa jiru ni tasgabbeessuu jechuun Chaayinaa ibsiteetti.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Ween Biin akka himanitti, mootummaan Ityoophiyaa rakkoo nageenyaa kutaa biyyatti keessaa ture hiikuuf labsamee kan turee labsii yeroo muuddamaa dursee kaasuun akkasumas raayyaan ittisa biyyaa naannoo Tigraayiin keessaa akka hin seenee taasisuun isaa bifaa gaariin ilaaltii jedhaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa tarkaanfiiwwan fudhataa jiru rakkoo biyyatti keessaa jiru ni tasgabbeessuus jedhaniiru.

Uummattoonni Ityoophiyaa fi Chaayinaa hariiroo bara dheeraa qabachuusaanii kan ibsan dubbi himichi, qaamoleen ilaallatuu adda addummaa isaanii mariin hiikuun nageenyaa fi misooma biyyatti mirkaneessuuf waloon hojjechuu qabuun dhaamaniiru.

Gama kanaanis Beejing deeggarsa barbaachisaa taasisuuf murannoo qabachuusees kaasaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffannaa.

Comments (0)
Add Comment