Mootummaan Ityoophiyaa lammiilee Jibuutii 6 garee hidhattoota Firuud jedhamuun  ukkaamfaman gadi lakkisiisuu ibse

Finfinnee, Mudde 12,2015(FBC)- Mootummaan Ityoophiyaa lammiilee Jibuutii 6 garee hidhattoota Firuud jedhamuun  ukkaamfaman gadlakkisiisuu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.

Ministeerri Dhimma Alaa haala yeroo fi dhimmoota Afrikaa irratti ibsa miidiyaaleef kenneera.

Ministeerichatti Daaykterri Olaanaan dhimmoota Afrikaa Jeneeraal Ambaassaddar Fisahaa Shawaal ibsa kennaniin, tattaaffii mootummaa naannoo Afaar waliin taasifameen lammiilee Jibuutii 6 garee hidhattootaa Firuud jedhamuun  ukkamfaman gadlakkisisneera jedhan.

Biyyoonni lameen rakkoo nageenyaa waliin furuuf hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Lammiileen ukkaamfamanii turan Mootummaa Jibuutiif dabarfamanii kennamuu Ambaasaaddarichi ibsaniiru.

Ashannaafii Shibbiruu fi Misikkir Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment