Finfinnee, Waxabajjii 25, 2013 (FBC)- Mootummaan Ityoophiyaa hawaasni idil addunyaa hojii naannoo Tigraayiin deebisanii dhaabuakka deeggaruu waamicha dhiyeesseera.
Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin mootummaa waliigaltee dhukaasaa dhaabuu ilaalchisee Ambaasaaddarootaa fi dippiloomaatoota teessoosaanii magaalaa Finfinnee taasisaniif ibsa laataniiru.
Wayita kanaattis mootummaan baatiwwan saddeet dura sababoota garagaraan gara duula olaantummaa seeraa kabachiisuuf galeerratti ibsa taasisaniiru.
Duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu kunis yeroo gababa keessaatti kan xumuramee fi kan galmee ga’eedha jedhaniiru.
Duulicha boodaas bulchiinsa yeroo naannichaa hundeessuun gara hojii naannichaa deebisanii ijaaruutti galuu ibsaniiru.
Lammiilee deeggarsa barbaadaniifis deeggersa qaqqabsiisuuf tattaaffii olaanaa taasifamaa jiraatus gareen shororkeessaa kun gufuu uumaa jiraachuu himaniiru.
Gareen shororkaa kun kan barbadeessee baankii fi teeleekoom bu’uuraalee misoomaa biroo suphuun gara hojiitti akka galuu gochuuf taattaffii taasifamee ibsuun, yeroo ammattis garichii hojiiwwan walfakkataa bu’uraalee misoomarratti xiyyeeffannoo taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Garichi sobaan dargaggoo kakasuun nageenyaa naannichaa booreessaa jiraachuu kan himan obbo Dammaqaan, rakkoo garichii uumeen lakkoofsii buqqatoota dabaluu ibsaniiru.
Obbo Dammaqaan ibsa isaaniin, gariicha hojii badii raawwatuu kan itti fufuu fi kan hin dhaabnee yoo ta’ee, mootummaan kan hin obsinee fi hojii seeraa kabachiisuu cimsee akka iti fufuu cimsanii yaadachiisaniiru.
Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuutin dhibba mirga namooma qaqqabaniiruu jedhamaan qulqulleessuuf Komishiniin Mirgaa namooma Ityoophiyaa fi komishinii mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waloon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Faasikaa Taaddasaatu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.