Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Ameerikaan Mootummaan Ityoophiyaa dhiyeessa deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayiif murtoo walitti bu’iinsaa dhaabuu fudhate kan deeggartu ta’uu ibsite.
Lammiilee naannoo Tigraay deeggarsa namoomaa barbaadaniif mootummaan haala fooyya’iinsa qabuun dhiyeessuuf murtoo walitti bu’iinsa dhaabuu fudhate mootummaan Ameerikaa cimsee kan deeggaru ta’uu beeksiseera.
Mootummaan Ityoophiyaa lammiilee naannoo Tigraayiif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf jecha murtoo walitti bu’iinsa dhaabuu fudhachuun tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa beeksiisuun kan yaadatamuudha.
Ibsa kana hordofe Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antooniyoo Biliinkaan kaleessa galgalaa ibsa baasiniin, kaleessaarra eegalee hojiirra kan oolee murtoon mootummaa kana hordofe dhiyeessii deeggarsa namooma fooyyessuun akka jiraatuu kan amanaan ta’uu ibsaniiru.
Murtoon mootummaa kun naannoo Tigraayiin ta’e naannolee Ityoophiyaa biroottis tarkaanfii murteessaadha jedhaniiru.
Nageenyaa fi badhaadhinaa Ityoophiyaanootaa mirkaneessuuf kan dandeessisuu furmaataa laachuuf bu’uuraa jedhaniiru.
Lammiileen hundis murtoo kanaan waliigaltee dhuukaasaa dhaabuu waaraa fiduuf marii gaggeessuun akka itti fayyadamaan Ameerikaan waamicha ni dhiyeessitis jedhaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.