Mootummaan Itiyoophiyaa waliigaltee Piriitooriyaa hojiitti hiikuuf tattaaffii taasisu cimsee itti fufa – TKM

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Mootummaan Itiyoophiyaa waliigaltee Piriitooriyaa guutumaan guutuutti hojiitti hiikuuf tattaaffii taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Tajaajilichi Waliigaltee Afrikaa Kibbaatti Mootummaa Itiyoophiyaa fi ABUT gidduutti taasiifame waggaa 1ffaa sababeeffachuun ibsa kenneera.

Waliigaltichi Kaaba biyyattiitti sagaleen dhukaasaa akka hin dhaga’amne taasiisuu himeera.

Mootummaan Federaalaa waliigalticha hojiitti hiikuuf tattaaffii cimaa taasiisaa turuu himeera.

Mootummaan Itiyoophiyaa filannoo nageenyaa baay’isee kan barbaadu ta’uu eeruun, waraanni nageenya, tokkummaa fi badhaadhina ummataa Itiyoophiyaa kan gufachiisu ta’uu eereera.

Wayita filannoon nageenyaa jirutti fayyadamuun furmaanni hin argamne garuu ummaannii fi Mootummaan Itiyoophiyaa tokkummaan ka’uun diina kan qolatan ta’uu seenaan kaleessaa fi har’aa kan mul’isu ta’uu himeera.

Waraanni naannoo Tigraayitti waggaa lama dura uumamee ture akka hin uumamneef mootummaan filannoo nageenyaa hedduu dhiyeessaa turuu himeera.

Waraanni akka hin uumamneef mootummaan daandii obsaa qabachuun imalaa turuu eereera.

Garaagarteen ture mariin akka furamuuf imala dheeraa imalaa turuu ibseera.

Ummata naannichaaf jecha murtoowwna garaagaraa obsaan murteessaa turuu yaadachiiseera.

Erga waraanni eegalamee boodas waraanna keessa ta’uun ummata naannichaaf deeggarsa dhiyeessaa turuu himeera.

Konkolaattoonni deeggarsa fe’anii garas imalan hedduun achiin hafanis ummata hin caalu jechuun deeggarsa taasiisu itti fufuu ibseera.

Haala kamiinuu waraana keessatti injifatamaa fi injifataan kan hin jirre waan ta’eef nageenyi garuu injifataa taasiisa yaadama jedhuun gara waliigaltee nageenyatti deebi’amuu himeera.

Waliigaltichaan boodas mootummaan waliigalticha hojiitti hiikuuf murannoon hojjechaa turuu kaaseera.

Dhaabbileen tajaajilaa saffisaan hojii akka eegalan taasiisuurraa jalqabee murannoo fi kutannoon hojiirra oolmaa isaaf hojjechaa turuu ibsdeera.

Carraa waliigaltee nageenyaa argame fayyadamuun rakkoo ummataa furuuf mootummaan murannoon hojjechaa jiraachuu ibseera.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment