Mootummaan Itiyoophiyaa dhaabbilee tumsitoota misoomaa waliin hojjechuuf murannoo qabaachuu ibse

Finfinnee, Hagayya 23, 2015 (FBC) – Mootummaan Itiyoophiyaa galma misoomaa qabate milkeessuuf dhaabbilee tumsitoota misoomaa waliin hojjechuuf murannoo qabaachuu ibseera.

Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan Dhaabbilee deeggartoootaa misoomaa waliin marii waloo taasiisaniiru.

Itiyoophiyaan yeroo dhiyoo as guddina olaanaa galmeessaa jiraachuu Dooktar Fitsuum kaasaniiru.

Dhimmoota mootummaan xiyyeeffannoo itti laatuu fi ga’ee dhaabbileen misoomaa hojiiwwan kanneen deeggeruu keessatti qaban irratti xiyyeeffatee hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaarraa argame ni mul’isa.

Galmoota misoomaa milkeessuuf mootumman dhaabbilee misoomaa waliin qindoominaan hojjechuuf murannoo qabaachuu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment