Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Mootummaa fi uummanni Israa’eel lammiilee sababa walitti bu’iinsa kaaba Ityoophiyaatti uumameen qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa meeshaalee garaagaraa toonii 14 taasisuu ibsame.
Mootummaan Israa’eel deeggarsicha Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaatti dabarsee kennuu ibsameera.
Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Eergoogee Tasfaayeen deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.
Deeggarsichi michooma Ityoophiyaa fi Israa’eel ture daran kan cimsu ta’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Israa’eel Allalliny Admaasuu gamasaaniin, damee hawaasummaa fi fayyaan deeggarsi Israa’eel lammiilee Ityoophiyaaf taasistu cimee kan itti fufu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.