Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Mootummaan indaastiriiwwan qoricha biyya keessaa oomishaniif deeggarsa barbaachisaa ta’e taasisuuf kutannoo qabaachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa ibsan.
Ejensiin Dhiyeessa Qorichaa Ityoophiyaa fi Waldaaleen oomisha Qorichaa fi Meeshaalee Fayyaa guyyaa har’aa qoricha qulqullina qabu lammiileen ga’uuf haala isaan dandeessisurratti sanada waliigaltee mallatteessaniiru.
Mootummaan hojii indaastiriiwwan oomisha biyya keessaa jajjabeessuu fi guddisuuf dursa kennee hojjechaa jiraachuu Dooktar Liyaan sirnicharratti ibsaniiru.
Waliigalteen dhaabbilee lameenii dhiyeessii qorichaa qulqullina qabu lammiileen ga’uuf kan gargaaru ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna