Mootummaan iddoolee filatamoo humna waraanaa ABUT kan haleelu ta’uu beeksiise

Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) – Mootummaan iddoolee filatamoo humna waraanaa ABUT kan haleelu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.
Mootummaan hanga ammaatti rakkoo ture karaa nagaan furuuf balbala isaa banaa taasiisee eegaa turus, ABUT haleellaa isaa itti fufuu eereera.
Mootummaan federaalaa haalduree tokko malee maricha’uuf qophummaan qabu akkuma jirutti ta’ee, iddoolee humna waraanaa ABUT ijoo ta’an irratti tarkaanfii kan fudhatu ta’uu tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen eereera.
Sababa kanaan lammiileen naannoo Tigraay keessattuu naannawaa garichi meeshaa waraanaa kuusee fi giddu gala leenjii isaatti dhiyoo jiraatan naannichaa akka faagatan gaafateera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment