Mootummaan hundaa’ee nageenyaa fi diinagdeerratti xiyyeeffannoo laatee hojjechuu qaba-Hoggantoota Paartilee Siyaasa

Finfinnee, Fulbaana 25, 2014 (FBC)-Mootummaan haara hundeeffamee nageenyaa fi diinagdeerratti xiyyeeffannoo laatee hojjechuu qaba jedhan Hoggantoota Paartilee Siyaasaa.

Faanaa Broodkaasting Koorporeet hundeeffamaa mootummaa haaraa sirna kaakuu raawwachuurratti kan dubbisee hoggantoonni paartiilee siyaasaa  mootummaan dhimmoota xiyyeeffannoo irratti laachuu qabu kaasaniiru.

Uummanni Ityoophiyaa gara boqonnaa haaraatti wayita itti ce’aaniidhas jedhaniiru hoggantoonni kunneen.

Waggoottaan shanaan dhufanitti  Ityoophiyaa guddoo diinagdeen badhaatee, tokkummaan wal tumsinee, abdii kan itti uumuu akka arginuu abdii qabna jedhaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa haara hundeeffamee kunis waggoottan shanaan dhufanitti wanta haaraa fiduu qaba jedhaniiru.

Waggoottaan 30 darbanitti daandii Ityoophiyaan irra imalteerra hedduu barachuun, kan itti miidhamtee, ummattoonni ishee miidhaamaan, yeroo itti wal qoqqoodaan turan jechuun dubbattanniiru.

Tokkummaa biyyattirrattis cimsee hojjechuu qabaan yaadachiisaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment