Mootummaan hojii egeree biyya ceesisuuf xiyyeeffannaa kenneera – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2015 (FBC) – Mootummaan dhalootaaf hojjechuun hojii biyya ceesisuurratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Piroojektii Shaggar Miidhagsuu boqonnaa 2ffaa eebbisiisuun bananiiru.

Sirna eebbichaarratti haasawa taasiisaniin Ityoophiyaan Yuunivarsiitii fi koolleejjiiwwan hedduu qabaachuu eerauun, ijaarsa dabalataa caalaa manneen barnootaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaa ijaaramuu akka qaban hubachiisaniiru.

Wantoota namoonni irratti hojjetaniif dursi kennamee, hojjetamuu fi hojjetamaa jiraachuus eeraniiru jedhan.

Ijaarsi Paarkii Michummaa Boqonnaa 2ffaan piroojektoota ijoolleen itti taphachuu fi yeroo isaanii itti dabarsan kan hammate ta’uu eeraniiru.

Piroojektiin kun iddoolee Bashannan daa’immanii, Ispoortii fi qophiilee aartiif oolaan kan of keessatti hammate ta’uu kaasaniiru.

Rakkoon yeroo ammaa muul’atu bu’aa daa’immaanirratti hojjechuu dhabuuti kan jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad,hojiileen ijaarsa biyyaa boruuf bu’uura ta;an hojjechuun itti fufa jedhaniiru.

Afawarq Iyyaayuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment