Finfinnee, Muddee 30, 2014 (FBC)- Mootummaan himata hidhamtoota addaan kutuun hidhaamtoonni akka gadi lakkifamaanif murtoon dabarse hirmaannaa marii biyyoolessaaf faayidaa olaanaa qaba jechuun Ministeerri Haqaa ibseera.
Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiyoos, murtoon mootummaan guyyaa kaleessaa murteessee hordofe ibsa laataniiru.
Ibsa isaaniin namoonni yakka garaagaraatin shakkamanii hidhamanii turan adeemsa hiikuu ‘dhiifama’ qaama adeemsa seeraa keessaa tokko jedhaniiru.
Gaaffii boordii dhifamaa bu’ureeffachuunis preezdaantii biyyatiitin kan raawwatamuu ta’uu hubachiisaniiru.
Murtoon himata addan kutuu kan murtaa’ee galmeewwan sadiin yoo ta’uu, galmeen lamaan obbo Jawaar Mahaammadii fi Iskindiir Naggaa jalatti argamaniidha jechuun ibsaniiru.
Waltajjiin biyyoolessaa biyya tokko keessaatti baroota dheeraa keessaatti yeroo tokko qofaa kan gaggeeffamudha kan jedhan Ministirichi Ityoophiyaatti hanga amma mariin hunda hammachisee gaggeeffamee akka hin beeknees himaniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.