Mootummaan gaaffilee ummata Itiyoophiyaa deebisuuf Komishinii Maree biyyaalessaa hundeessuun hojjetaa jira – Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Amajjii 26, 2016 (FBC) – Mootummaan gaaffilee ummata Itiyoophiyaa deebisuuf Komishinii Maree biyyaalessaa hundeessuun hojjetaa jiraachuu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loijistiksii Dooktar Alamuu Simeen ibsaniiru.

Naannoo Amaaraa Godina Lixa Goondar Magaalaa Ganda Wuhaatti mariin ummataa mata duree ‘Obbolummaa sabdaneessaa nageenya waaraa fi Badhaadhinaa hundagaleessaaf’ jedhuun gaggeeffameera.

Ministira Ministeera Geejjibaa fi Loijistiksii Dooktar Alamuu Simee, Komishinara Komishinii Gumrukaa Obbo Dabalee Qaabataa fi Ministirri Galiiwwannii Aadde Ayinaalem Nigusee dabalatee hoggantoonni Olaanoon mootummaa federaalaa fi naannolee maricharratti argamaniiru.

Mootummaan gaaffilee ummata Itiyoophiyaa deebisuuf Komishinii Maree biyyaalessaa hundeessuun hojjetaa jiraachuu Dooktar Alamuu Simeen ibsaniiru.

Comments (0)
Add Comment