Mootummaan gaaffilee dhiyeessa Xaa’oo biyyoo deebisuuf bittaa xaa’oo Meetirk Toonii miiliyoona 1.2 raawwate – TKM

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2015 (FBC) – Mootummaan gaaffilee dhiyeessa Xaa’oo biyyoo deebisuuf bittaa xaa’oo Meetirk Toonii miiliyoona 1.2 raawwachuu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa beeksiseera.

Mootummaan gaaffii dhiyeessa xaa’oo biyyoo qonnaan bultootaa bara 2015 deebisuuf bittaa xaa’oo meetirik toonii miiliyoona 1.2 raawwachuu tajaajilchi ibseera.

Xaa’oon meetirik tooniin kumni 669 ol gara biyya keessaa geejjibsiifamuun kan bara darberraa bule meetirik toonii kuma 210 dabalatee xaa’oon biyyoo meetirik tooniin kumni 879 dhiyaachuu tajaajilichi ibsa baaseen himeera.

Kana keessaa meetirik tooniin kumni 842 Waldaalee Hojii Gamtaaf kan qoodame yoo ta’uu, meetirik tooniin kumni 706 qonnaan bultootaaf raabsamuu ibseera.

Dabalataan dooniiwwan 13 xaa’oo fe’anii buufata Jibuutii gahan keessaa xaa’oon doonii 5n fe’aman yeroo dhiyootti geejjibsiisuun kan eegalu ta’uu eereera.

Naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa, Ummattoota Kibbaa fi Ummattoota Kibba Lixaatti qonna Arfaan lafa hektaara miiliyoona 2.4 misoomsuuf karoorfamee hanga Waxabajjii 11, 2015tti heektaarri miiliyoonni 2.7 ol qotamuu ibseera.

Kana keessaa lafti heektaarrii miiliyoonni 2.6 ol sanyiin uwwifamuu himeera.

Naannoolee kanneenitti lafa heektaara miiliyoona 4.2 qotame keessaa heektaarri miiliyoonni 1.5 sanyiin uwwifamuu ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment