Mootummaan dhiyeessii mana jireenyaa fooyyessuuf deeggarsa abbootii qabeenyaaf taasisaa jira-Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2016 (FBC)- Mootummaan dhiyeessii mana jireenyaa biyyatti fooyyessuuf abbootii qabeenyaaf deeggarsa olaanaa taasisaa jiraachuu Ministirri Ministeeraa Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin dubbatan.

Aadde Caaltuun Riil Isteetii Ilillii Giraandi wayita eebbisanitti, mootummaan rakkoolee mana jireenyaa furuuf abbootii qabeenyaa hojjetaniif dhiyeessii lafaa eegalee deeggarsa taasisuu kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Riil Isteetii Ilillii Giraandi invastimantii Birrii biiliyoona 9.5’n kan ijaarame yoo ta’u, lammiilee kuma 1 fi 400 oliif carraa hojii uumeera.

Abbaan Qabeenyaa Riil Isteetii Ililii Giraandi Obbo Gamshuu Bayyanaan gama isaaniin, ijaarsi manichaa lammiilee gali giddugaleessaa argataniin ga’uuf kan yaadame ta’uu kaasan.
Mootummaan deeggarsa taasiseef galateeffatanii lammiileen yaada haaraa maddisiisuun kalaqa hojii akka jabeessan gaafataniiru.

Sirna eebbichaarratti Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Ministira Ministeera Magaalaa fi Bu’uuralee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Misikkir Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment