Finfinnee, Waxabajjii 16, 2014 (FBC) – Mootummaan Deenimaark Ityoophiyaatti waliin ga’iinsa Bishaan Dhugaatiif Doolaara miiliyoona 10 arjoomuu UNICEF Ityoophiyaan beeksiseera.
Mootummaan Deenimaark, Ityoophiyaatti rakkoo dhiyeessii bishaan dhugaatii waaraan furuuf waggoottan sadan darbaniif deeggarsa taasisaa turuu UNICEF Ityoophiyaan yaadachiiseera.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Deenimaark Kiiraa Simiiz Siindibarg, dhiibbaa hongeen naannoo Somaaleetti mudate uume kaasuun, jireenya dubartootaa fi daa’immanii naannichaa fooyyessuuf dhiyeessiin bishaan dhugaatii baayyee barbaachisaa ta’uu ibsuu ragaan UNICEF Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.