Mootummaan deeggarsi gatii boba’aaf taasifame kaayyoo karoorfameef ooluusaa hordoffii cimaa taasisa – MDWHN

Finfinnee, Amajjii 5, 2017 (FMC) – Mootummaan deeggarsi gatii boba’aaf taasifame kaayyoo karoorfameef ooluusaa hordoffii cimaa taasisaa jiraachuu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Gatiin boba’aa kan madaalamu gatii idil addunyaarra jiruun ta’uu Ministiirri Ministeerichaa Dooktar Kaasahuun Goofeen ibsaniiru.

Mootummaan waggaatti bittaa boba’aatiif doolaara biiloyoona 4 kan baasu ta’uu eeraniiru.

Gabaa boba’aarratti sektarri dhuunfaa, abbootiin qabeenyaa fi hawaasni daldalaa dhiibbaa qooddachuu baannaan mootummaan pirojektota gurguddoo milkeessuuf ni rakkata jedhan Dooktar Kaasahuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Mootummaan adeemsaan deeggarsa boba’aaf taasisu keessaa ba’ee pirojeektota biyyaa fi uummataaf faayidaa waaraa qaban irratti xiyyeefachuutu irraa eegama jechuun ibsaniiru.

Mootummaan birrii biiliyoonota hedduu ramaduun gatii boba’aa deeggaraa jiraachuu himaniiru.

Beenzila Liitira tokkorratti birrii 21, gaaziirratti birrii 28 deeggarsa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Mootummaan deeggarsi gatii boba’aa taasise kaayyoo karoorfameef ooluusaa hordoffii taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment