Mootummaan dargaggootaaf ni dhimmama-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 11, 2016 (FBC)-Mootummaan dargaggootaaf ni dhimmama jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Inistiitiyutii Leenjiifi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluu eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisaniiru.

Mootummaan jijjiiramaa kaayyoo hirmaannaafi fayyadamummaa dargaggootaa gama hawaas-dinagdeefi siyaasaatiin qabate mirkaneessuuf dhimmoota fayyaalessummaa isaanii cimsan irratti xiyyeeffatee socho’aa jiraachuu ibsan.

Baroota dhufaa darban hundatti dargaggoonni, hoggansa siyaasaa biratti akka galtee dheedhii (raw material) faayidaa ibidda siyaasaa dhaamsuuf yookaan deeggarsa wayii taasisuuf qofa oolanitti ilalamaa turuu yaadachiisan.

Ilaalchi gamtokkeen kunis, fedhaafi faayidaa mataa isaanii jiraachuuf malan kan mulqu akka ture kaasan.

Ilaalchi ofittummaa kun hundeerraa yoo hinjijjiiramne, dargaggoonni fuulduratti sochoosuun kan hindandeenye ta’uu kan hubate mootummaan jijjiiramaa, gama tokkoon akkaataa hoggansi siyaasaa akkasumas caasaan mootummaa dargaggoota itti hubatu, gama biraatiin akkaataa dargaggoonni gaheefi dirqama isaanii itti hubatan qaruuf socha’uu himaniiru.

Hojii gama lamaaniin hojjetamaa jiruunis, dargaggoota biratti ilaalchi eeyyantaa, biyyoolesummaa fi miira gootummaa biyyummaa akkasumas sabboonummaa dinagdee finiinaa jiraachuu akeekan.

Ilaalcha haaraa dhufaa jiru itti fufiinsaan lafa qabsiisuu keessatti dhimmoota gahee olaanaa qaban keessaa tokko ispoortii ta’uu mootummaan kan hubatu ta’uu himanii, bu’uuruma kanaan, gama tokkoon inisheetivii haaraa bocee ispoortii bu’uura ummataa qabsiisuuf hojjechaa jira jedhan.

Kanaaniis, hanga ammaatti gandoota 300 ol ta’an keessatti lafa hektaara tokko tokko, sochiilee ispoortiif daangessuun misoomsuutti galaa jiraachuu dubbataniiru.

Gama biraatiin, dargaggoonni bashannanaa dandeettii waa kalaquu akka gabbifatan taasisuuf giddugaloota dargaggootaa mijataa babal’isuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Pirojektoota hanqina giddugalawwan dargaggootaa hirdhisuuf xiyyeeffannoo addaa hoggansa olaanaa naannichaa argatan keessa tokko Inistiitiyutii Leenjiifi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluu har’a eebbifame ta’uu kaasuun, Inistiitiyutiichi maqaa goota Atileetiksii Afrikaanotaa fi Itiyoophiyaa Gargaartuu Komishinaraa Atileet Daraartuu Tulluun kan mogga’eedha ta’uu eeran.

Pirojektiin kun, bara 2007 jalqabus, hanga mootummaan rakkoo walxaxaa ture xiyyeeffannoo addaa kennee furee karaatti deebisutti, waggoota hedduuf lafarra harkifataa turuu ibsan.

Inistiitiyutiin Leenjiifi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluu magaalaa Sulultaatti kan ijaaramee fi hedduu guddaa ta’uu eeruuniiru.

Inistiitiyutichi sa’aatii walfakkaatuu fi iddoo tokkotti tajaajila gosa ispoortii 14’fi baratoota 800 ol simatee leenjisuu akka danda’uu ibsan.

Meeshaalee (meeshaanoota) fi humna namaa barbaachisoo baay’inaan kan guuttatee fi Akkaadaamii Leenjiifi Qorannoo Ispoortii Olaanaa ta’ee kan tajaajiluudha jedhan.

Mootummaan dargaggootaaf ni dhimmama jechuun Pireezidaanti Shimallis akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment