Mootummaan dandamannaa diinagdee Uummata gammoojjii guddisuuf xiyyeffannoo olaanaan hojjechaa jira – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 2, 2015 (FBC) – Mootummaan dandamannaa diinagdee Uummata gammoojjii guddisuuf xiyyeffannoo olaanaan humna, beekumsaa fi qabeenya qabu qindeessuun hojjechaa jiraachuu Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Hojiin Miidhaa hongee irra deddeebiin muudatuu danda’u hambisuuf Pirojektoota Bishaan kuusuuf oolaniin jalqabne fayyadamummaa Uummataa mirkaneessurra darbeee hojii kana boodaaf galtee guddaa kan irraa arganneedha jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Bara kana godinaalee kudhan keessatti hanqinni roobaa nu muudatee ture. Godinoota gammojjii hanqina roobaatiin saaxilamummaan hongee olaanaa ta’eetti Mootummaan Naannoo Oromiyaa deeggarsa yeroo qindeessuun cinaatti, ittifufiinsaan rakkinicha furuuf, dandamannaa diinagdee Uummata gammoojjii guddisuuf xiyyeffannoo olaanaan humna, beekumsaa fi qabeenya qabnu qindeessuun hojjechaa ture jecuuun ibsaniiru.

Piroojektoonni Jallisii Bishaan kuusuuf godina Booraanaatti hojjetamaa jiran, Deeggarsa galteewwan gara garaa Mootummaan taasisaa ture waliin dabaalamuun hojiin hojjetame diinagdee hawaasa horsiisee bulaa jabeessuun fayyadamuumma hawaasa dabaluufi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti shooraa guddaa kan qaban ta’uu eeraniiru.

Hojii waqtii Arfaasaa kanaan naannawa gammojjii rakkoon kun muudatetti hojjetameen mirkaneeffanneerra. kanarraa ka’uunis hojii Piroojektii Bishaan kuusuu godina Booranaatti hojjechaa jirru bifuma wal fakkaataan godinaalee biroottis akka babal’atuuf mootummaan karoora yeroo dheeraa fi gabaabaa qabatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiin Hawaasa rakkoo hongeen miidhaman dandamachiisuuf hojjetamaa jiru humna kuufamaa qabnu kan nutti agarsiiseefi gara fuulduraattis hojii wal fakkaata jabeessinee itti fufu akka qabnu kan akeekeedha.

Piroojektiin Bishaan kuusuu(cimmisuu) jalqabne rakkoo bishaan dhugaatii hawaasa itti fufiinsaan kan furu yoo ta’uu, gama biraatin hawaasni hojii jallisii hojjechuun diinagdee isaa akka fooyyeffatuufi fayyadamummaa hawaasaa daran kan dabalu waan ta’eef humna qabnu maraan cimsinee kan itti fufnu ta’a!jedhaniiru

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment