Mootummaan Chaayinaa meeshaalee ittisaa weerara vaayrasii koronaatiif oolan Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif gumaache

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (FBC) – Mootummaan Chaayinaa meeshaalee ittisaa weerara vaayrasii koronaatiif oolan Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif gumaache.

Yeroo rakkoo waliin walcinaa dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu isaatiin Ityoophiyaatti Chaambariin Daldalaa Chaayinaa, magaaloota Chaayinaa kutaa biyyaa Jiyaangsuu fi Niinsiyaa Huuy jedhaman waliin qindaa’uun meeshaalee ittisa weerara vaayrasii koronaatiif oolan fi meeshaalee yaalaa gumaachu,Imbaasii Chaayinaa Itoophiyaatti gorsituun ministeerichaa Maadaam Liyuu ibsan.

Meeshaleen gargaarsaan kennamaniis,veentilataroota 20,’humidifier’ hargansuu 5, maaskii afaanii fi funyaanii 350,000,uffannaa ogeeyyii fayyaa 4,000 fi meeshaalee yaalaa birooti.

Sirna walharkaa fuudhiinsaa kanarratti kan argaman pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa,obbo Shimallis Abdiisaa, Ityoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo diinagdee fi walgargaarsaa cimaa qabaachuu isaanii eeruun, deeggarsa naannichaaf godhameef maqaa ummata naannichaatiin galateeffataniiru.

Oromiyaan carraa invastimantii olaanaa qabaachuu ishii kan ibsan preezdaanti Shimalliis,dhaabbileen Chaayinaa gara Ityoophiyaatti dhufuun hojii invastimantii irratti akka hirmaataniifis waamicha dhiyeessaniiru.

Meeshaaleen gargaarsaan argaman kunneen bittaadhaan otuu ta’e maallaqa guddaa kan gaafatan akka ta’ee fi weerara vaayrasiichaa Oromiyaa keessatti yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiru ittiisuuf kan gargaaru ta’uu Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment