Mootummaan Chaayinaa lammileen biyyattii Ityoophiyaa akka daawwatan yaada dhiyeesse

Finfinnee, Hagayya 4, 2015 (FBC) – Mootummaan Chaayinaa lammileen biyyattii iddoolee hawwata turizimii biyyootaa adda addaa akka daawwatan yaada dhiyeesseera.

Biyyoota Afrikaa yaada kana keessatti hammataman keessaa Ityoophiyaan ishee duraa ta’uu Ministeerri Aadaa fi Turizimii Chaayinaa ibsa Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif ergeen himeera.

Biyya uummata biiliyoona 1.5 siqu qabduun Afrikaa keessaa filatamuun qabeenya turizimii biyyattii guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabu eerameera.

Sagantaan yaalii ejensiiwwan lammiileen Chaayinaa biyyoota kanneen akka daawwatan gargaaran erga eegalamanii as gabaan turizimii biyya alaa waliigalaa haala gaarii fi sirnaan adeemsifamaa akka jiru ministeerichi ibseera.

Kunis tumsaa fi hirmaannaa Chaayinaan damichaan biyyoota garaagaraa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf qooda olaanaa qbaachuu ibseemara.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment