Mootummaan Chaayinaa Komishinar Jeneraa Dammallaash Gabramikaa’eel Meedaaliyaa Warqee badhaase

Finfinnee, Qaammee 2, 2016 (FBC) – Ministeerri Nageenyaa Ummataa Chaayinaa Komishinara Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel Meedaaliyaa Warqee badhaaseera.

Badhaasni ‘Great Wall Commemorative Gold Medal Award’ jedhamu kun hariiroo tumsa Poolisii biyyoota lamaanii cimsuuf qooda bahatanii fi nageenya ummataa mirkaneessuuf hojii hojjetaniif badhaasa kenname ta’uu ibsameera.

Akka Afrikaatti meedaaliyaa Warqee jalqabaa kan ta’e Ministira Ministeera Nageenya Ummataa Chaayinaa Waang Zhaawoohoongiin gumaachameefira.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment